Sadarkaa qulqullina Bunaa fooyyesuun sharafa alaa guddisuuf hojjetama jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Sadarkaa qulqullina Bunaa fooyyesuun sharafa alaa Buna irraa argamu guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.

Waggoottan sadan darban oomishaa fi oomishitummaa Bunaa dabaluuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu Itti Aanaan Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Shaafii Umar himaniru.

Sirna bittaa fi gurgurtaa ammayyeessuu fi fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneesuu akkasuma galteewwan itti dabaluun sharafa alaa Bunaarraa argamu guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Buna kilaasteeraan oomishuu fi hundee bunaa dulloomee gamashuun xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu dubbataniiru.

Waggoottan sadan darban Bunni lafa hekataara kuma 400 irraa gamashame yeroo ammas irra deebiin oomisha kennuu eegaluu himuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment