Sadarkaa Manneen Barnootaa irra jiran fooyyessuuf Xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2014 (FBC) – Galtee barnootaa, adeemsa baruufi barsiisuu fi bu’aa galmeessuurratti sadarkaa Manneen Barnootaa irra jiran fooyyessuuf Xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Ministeerri barnootaa gamaggama Inispeekshinii waliigalaa bara 2013 gaggeesseera.
Gamaggama kanaan hojiilee gurguddoon hojjetamaa turuu ibsameera.
Daayireektarri Daayreektoreetii Inspeekshinii barnoota waliigalaa obbo Asfaaw Mokonnon bara barnootaa 2013tti sadarkaa manneen barnootaa irra jiran fooyyessuuf Biiroo barnootaa naannolee fi biiroo barnootaa bulchiinsa magaalotaa waliin hojii hedduu hojjechuusaanii ibsaniiru.
Ibsichaan hojiileen deeggarsaa fi hordoffii, ijaarsa dandeettii, Inispeekshinii saamudaa fi dhaabbilee barnootaaf immoo hojiin duub-deebii kennuu hojjetamu obbo Asfaaw ibsaniiru.
Gabaasa dhiyaateerratti bara baajatichaatti sababa rakkoowwan nam-tolchee fi uumamaatiin manneen barnootaa yeroo banamuu dhabuun sadarkaa manneen barnootaa hanga barbaadamu fooyyessuun hin danda’amne jedhaniiru.
Maricharratti hooggantoota ministeera barnootaa dabalatee hooggantoonni biirolee barnootaa naannolee fi bulchiinsa magaalota kan argaman ta’uu ragaan ministeera barnootaarra argame ni muul’sa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment