Sadarkaa Finfinneetti waldaan Eeggumsa mirga Shamattootaa hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 6, 2013 (FBC) – Sadarkaa Finfinneetti waldaan Eeggumsa mirga Shamattootaa ifatti hundaa’uu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksiseera.
Hundaa’uun waldichaa daldalaa fi Shamattoota gidduu hariiroo gaarii uumuun sirni haqa qabeessa ta’e akka jiraatu ni gargaara jedhame.
Waldichi Oomishni daldalaarraa bite miidhaan yoo irra ga’e beenyaa akka argatu taasiisuuf aangoo qabaachuu Sadarkaa Itti Aanaa Kantibaa magaalaa Finfinneetti Qindeessaan Dhaabbilee Kenniinsa Tajaajilaa Mootummaa obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.
Rakkoo qaala’iinsa jireenyaa magaalicha keessatti muul’ataa jiru furuuf hundaa’uun waldichaa dandeettii dabalataa ta’uu danda’a jedhan.
Mootummaan fedhii hawaasa shamattootaa guutuun sirna daldalaa ammayyaa fi haqa qabeessa taasiisuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu hogganaan Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaahi Yesuuf himaniiru.
Waldaan Shamattootaa kun shamattoonni daldaltoota seeraan alaan akka hin miidhamne ittisuuf ga’ee olaanaa taphachuu qaba jedhan.
Shamattoonni waa’ee oomisha bitanii odeeffannoo sirrii argachuun bittaa fedhii isaanirratti hundaa’e akka raawwataniif ni gargaara jedhan.
Guyyaan eeggumsa mirga Shamattootaa akka addunyaatti yeroo 38ffaaf, akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 8ffaaf kabajamaa jira.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment