Sadarkaa biyyoolessaatti lammiileen miiliyoonni 40 fayyadamoo tajaajila inshuraansii fayyaa ta’an jedhame

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)- Sadarkaa biyyoolessaatti lammiileen miiliyoonni 40 fayyadamoo tajaajila inshuraansii fayyaa ta’uusaanii Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Ityoophiyaa ibseera.

Ityoophiyaatti lammiilee miiliyoona 52 ta’aan miseensa inshuraansii fayyaarra fayyadamoo akka ta’an mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu kan beeksisee tajaajilli inshuraansii fayyaa hanga ammattis lammiileen miiliyoonni 40 miseensa taasisuun danda’ameera jechuun ibsameera.

Daayreektarri galmee fi buusii Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Ityoophiyaa obbo Guddataa Abbabaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif akka ibsanitti, hanqinoota damichaan muudatan furuun fayyadamummaa hawaasa dabaluuf ni hojjenna jedhaniiru.

Rakkoole damichaan muudatanii furuuf Ministeera Fayyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira kan jedhe dhaabbatichi, fayyadamummaa hawaasa dabaluufis labsii haaraan Mana Maree Bakka bu’oota uummataa ni raggasifamaan eegama jedhameera.

Talee Maammootu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment