Sadarkaa biyyaalessaatti waltajjiin hawaasaa gageeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Muddee 14, 2013 (FBC) – Qindeessummaa Ministeera Nageenyaan waltajjiin hawaasaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa ture xumurame.

Biyya tokko keessatti nageenya waaraa fi waliigaltee biyyaaleessa uumuuf ga’een hawaasaa olaanaa ta’uu isaan mariin hawaasarratti xiyyeeffate qophaa’uun isaa rakkoolee uumaman madda isaa baruuf kan gargaaru ta’uu Minsitirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaan Kamiil ibsaniiru.

Waldhaggeeffachuun rakkoo uumameef furmaata waloo barbaaduuf waltajjiin akka kanaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Waltajjii kanarraa ummanni ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaaf kan oolu galteewwan fudhachuun walii kan qoodan ta’uu dubbataniiru.

Ityoophiyaan iddoo isheef malu irra akka taatu qaamni hundi qindoominaa fi waliigalteen nageenya biyyattii mirkaneessuuf qooda isaanii akka gumaachaan hawaasa guutuu biyyattiitti waltajjicharratt hirmaataniif ergaa dhaamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment