Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii Birri Biiliyoona 3.7 oliin ni hojjetamu-Dr. Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu 60 ol Birri biiliyoona 3.7 oliin akka hojjetaman Ministirri Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa himan.

Dooktar Habtaamuu Ittaafa FBC waliin turtii taasisaniin, bu’uuraalee misoomaa bishaanii garee shororkeessa ABUT’n mancaafamaniif xiyyeeffanaan ni kennama jedhan.

Barana pirojektoonni godinaalee fi magaalotaa aanaa fayyadamoo taasisan akka hojjetaman himanuun pirojektotaa bishaanii bara 2014 fi isaan dura eegalaman irra jireessi ni xumuramu jedhan.

Rakkoo qulqullina bishaan dhugaatii furuuf akkataa bu’uraa seeraa fi qajeeltoo idila addunyaan bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoon guutamaa jiraachuus ibsaniiru.

Almaaz Mokonnintu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment