Sadarkaa biyyaalessaatti misoomni oomisha qamadii bonee lafa heektaara kuma 400 irratti misoomaa jira- Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti misoomni oomisha qamadii bonee lafa heektaara kuma 400 irratti misoomaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Karoora misoomaa waggaa 10’niin qamadii oomisha biyya keessaan bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu Minsteera Qonnaatti Daayrektarri misooma midhaanii obbo Isaayyaas Lammaa eeraniiru.

Kana hordofee waggoottan lamaan darbanitti oomisha qamadii alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuuf abbootii qabeenyaa fi qonnaan bultoota waliin qindoominaan hojjechaa turuu yaadachiisaniiru.

Hojiin misooma qamadii bara darbe lafa heektaara kuma dhibba 1 fi kuma 80 irra ture bara kana lafa heektaara kuma 400 irratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomisha qamadii kuntaala miiliyoona 16 sassaabuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Jallisii naannolee gammoojjii haalaan itti fayyadamuuf filannoowwan sadii dhiyaatanii sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolaa jiraachuu himaniiru.

Filannoowwan kunneenis lafa oomisha qamadii guutumaan guutuutti fayyadamuu fi dandeettii oomishtummaa lafa qonnaan bultoota xixiqqaa fi abbootii qabeenyaa guddisuu ta’uu eeraniiru.

Oomishtummaa oomisha qamadii guddisuuf hojiilee hojjetaman keessaa bakkeewwan jallisiin qamadii oomishaa hin turre akka oomishan taasisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

 

Naannolee Afaarii fi Somaaleetti sadarkaa yaaliitti gara misooma jallisiitti akka galan taasifamuu fi naannolee lameenitti qamadii jallisiin misoomsuuf haalli mijataan jiraachuu ibsaniiru.

Fuulduratti naannolee birootti misooma qamadii jallisii babal’isuun oomisha qamadii alaa galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment