Sadarkaa biyyaalessaatti lafa qonnaa Arfaasaan misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miiliyoonni 8 sanyiin uwwifameera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Sadarkaa biyyaalessaatti lafa qonna Arfaasaan misoomsuuf karoorfame hektaaraa miiliyoona 13.4 keessaa hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 8 sanyiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Daayrektarri Misoomaa Midhaanii Obbo Isaayyaas Lammaa FBC waliin turtii taasiseen, roobni amma roobaa jiru sanyiilee waqtii Arfaasaa facaafamaniif faayidaa olaanaa qabaata jedhan.

Qonna bara 2014/2015 waqtii Arfaasaa misoomeen oomisha kuntaalaa miiliyoona 400 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Isaayyaas dubbataniiru.

Oomishni waqticha facaafame bu’aa qabeessa akka ta’uuf xaa’oo dabalatee galteewwan qonnaa barbaachisaan dhiyaachuurratti hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Qonnaan bultoota naannawaalee sababa waraanaan miidhamanitti argamaniif mootummaa fi dhaabbilee misoomaan galteewwaan dhiyaachaa jiraachuu Obbo Isaayyaas ibsaniiru.

Qonni Arfaasaa %90 xumuramuu fi lafti sanyiin hinuwwifamiin hafan baatii Hagayyaa gara jalqabaa akka xumuraman eeraniiru.

Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment