Saboonni Sikooppayi waggoota 80 booda abbummaa quubsuma isaanii argatan

Finfinnee, Amajjii 7, 2016 (FBC)- Ekkuwaadoor keessa kan jiraatan saboonni durii Siikooppayi waggoota 80 booda lafaa quubsumaa isaaniitti akka deebi’an abbummaa lafaa argatan.

Saboonni kunneen bosonaa Amaazoon keessaa lafaa quubsuma isaanii ture qabachuuf qabsoo waggoota 80 booda akka deebi’uu fi mootummaan abbaa qabeenyummaa hawaasichaaf akka kennu Manni Murtii Ekkuwaadoor ajaaja kenneera.

Ajajaa mana murtii kanaas Ministirri Eegumsa Naannawaa biyyatti mirga sabichaa waan sarbeef ifatti dhiifama gaafachuun qabiyyee lafa iskuweer kiiloo meetira 420 ol akka saba Sikooppayiif deebisu eegama jechuun TRT’n gabaaseera.

Dursaan saba Sikooppayi Jastiinoo Paaguyeej akka jedhanitti, mootummaan lafa fi qabeenyaa sabootaa fi seera mootummaa akka kabachiisu gaafachaa turuu eeraniiru.

Ajajni kenname kunis qabsoo seenaa qabeessaa lafa dhaaloota keenyaatti akka deebinu kan taasisuudha jechuun ibsaniiru.

Haa ta’u malee Pireezidaantiin Biyyattii Daani’eel Nobowaan tibbaa darbe Gurmuu qorichaa sammuu hadoochu daddabarsanii irratti waraanaa fi labsii yeroo ariifachiisa labsuun hojiirraa oolmaa ajaja mana murtichaa duubatti harkifachiisuu malaan yaaddoo uumeera.

Ajajani mana murtii wayita hojiirraa oolus, Ekuwaadoor keessatti yeroo jalqabaatiif lafti quubsuma saboota Sikooppayi kan lafa mootummaan akka eegamuuf daangeffameen walirra bu’e, yeroo jalqabaatiif beekkamtii abbummaa kan argatu ta’a jedhameera.

Lafti quubsuma saboota Sikooppayi iskuweer kiiloo meetira kuma 12 fi 140 ol ta’u qaama Paarkii Biyyoolessaa ykn lafa daangeffamaa fi abbummaa hinqabne ta’uu gareen laftichi sabootaa durirraa kaasee achirraa jiraataniif akka kennamuuf duulaa gaggeessaa ture Amazon Frontlines ibseera.

Abukaatoon Saboota Sikooppaayii fi Miseensa Garee Duula Amazon Frontlines Jorgee Akeroo akka ibsanitti, murtiin kun lafa quubsuma saboota durii Amaazoon keessaa hunda deebisuuf karra kan banuudha jedhaniiru.

Saboonni Sikooppaayii bara waranaa Peeruu-Ecuaadoor 1941 lafa quubsumaa isaaniirraa kan godaanan yoo ta’u ergasii mootummaan Ekkuwaadoor beekkamtii sabichaa malee laficha paarkiif daangessuun akka quubsumichatti hindeebine dhorkuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment