Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa kabaja guyyaa Sabaaf sablammootaa 17ffaa ilaalchisuun ergaa dabarseera.
Sabdaneessummaan keenya madda cimina keenyati!! Jechuun ibseera.
Ityoophiyaan uumama isheen biyya sabdanooftuu ta’uu himeera.
Biyya aadaa, afaanii fi eenyummaa hedduu qabdu, kan sabaaf sablammoonni tokkummaan keessa jiraatan, biyya guddoo ta’uu ishee eereera.
Sabdaneessummaan ishee kun qaamolee tokko tokkoof wayita sodaa fi yaaddoo ta’u kan mul’atu ta’uu himeera.
Yaa ta’uutii seenaarraa kan hubannu sabdaneessummaan keenya sodaa fi yaaddoo osoo hin taane cimin ta’uu isaati jechuun ibseera.
Duudhaan tokkummaa sabdaneessummaa keessatti qabdnu madda cimina keenyaa ta’uu qormaata wayita garaagaraatti biyyattii muudataa ture tokkummaan qorachuun ragaadha jechuun himeera.
Dhaadannoon kabaja guyyaa sabaaf sablammootaa 17ffaas Tokkummaa sabdaneessummaan utubaa nageenyaa ta’uu isaa kan hubachiisuudha jechuun kaaseera.
Guyyaan sabaaf sablammootaa bara kanaa wayita balaa biyyattiirratti aggaamame qolachuun cimina keenya mirkaneessineetti kabajamuun isaa adda kan taasiisu ta’a jedheera.
Tokkummaa sabdaneessummaan faayidaa itti fufiinsa qabu kan mirkaneessu ta’uu agarsiiftuu ta’uu ibseera.
Mootummaan badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf akkaataa sabdaneessummaa fi tokuummaaf mijatuun nageenya waaraa mirkaneessuuf yeroo kamiiyyuu caalaa sochii taasiisaa jiraachuu himeera.
Qocholoo finxaaleyyiin biyyattii diiguuf taasiisan tokkummaa sabdaneessaan fashaleessuuf qaamoleen hundi qooda isaa akka ba’u mootummaan waamciha dhiyeessuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ergaa dabarseen himeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.