Sabbataatti proojektoonni garaagaraa Birrii miiliyoona 800 oliin hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Muddee 15, 2014 (FBC)- Jilli Hogganaa Biiroo Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaan Addunyaatin durfamu hojiiwwan misoomaa fi kenninsa tajaajila hawasaa magaalaa Sabbataa daawwateera.

Magaala Sabbataatti projeektoonni garaagaraa 70 ol hirmaannaa uummataa fi baajata Mootummaatiin Birrii miiliyoona 800 oliin hojjetamaa jiraachuu Bulchiinsi Magaalichaa ibseera.

Bu’uuraalee misoomaa magaalichatti hojjetaman keessaa hospitaalli Sabbataa,daandiin koobilii,hojiiwwan IMX fi bu’uuraaleen misoomaa kaan daawwatamaniiru.

Kenniinsi tajaajila bulchiinsa gaarii ganda 03’tiis jila kanaan daawwatameera.

Bulchiinsa Magaalaa Sabbataatti bara kana proojeektoonni buleeyyii 26 fi haaraan 49 Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 5’n hojjetamaa akka jiran Itti gaafatamaan Mana qopheessaa magaalaa Sabbataa obbo Tsagaayee Saahiluu ibsu OBN gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment