Sabbataatti fooramiin mootummaa fi abbootii qabeenyaa gaggeeffama jira

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti fooramiin mootummaa fi abbootii qabeenyaa gaggeeffama jira.
Fooramiin kun mata duree ‘invasti taasisuuf hin turina, invasti taasisaa turaa malee’ jedhuun gaggeeffamaa kan jiru.
Kantiibaan magaalaa Sabbataa obbo Biraanuu Baqqalaa, fooramiin kun mootummaa fi abbootii qabeenyaa gidduutti hariiroo cimsuun guddinaa biyyaaf bu’aa olaanaa qaba jedhaniiru.
Abbootiin qabeenyaa magaalaa Sabbataa daandii hojjechisuun, bishaan baasuun, manneen barnootaa ijaarsisuun, dirree Ispoortii haaromsuun deeggarsa adda addaa taasisaa turuu isaaniis ibsaniru.
Komishiinarri Komishiini Invaastimantii Oromiyaa obbo Baayisaa Badhaadhaa, kaayyoon fooramii kanaa dureeyyoonni rakkinoota fi hanqinoota qaban kaasuun kallattii furmaata kennuuf bu’aa qaba jedhaniiru.
Hojiiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiran milkeessuuf qindoominni mootummaa fi abbootii qabeenyaas barbachisa jedhaniiru.
Magaalaa Sabbataa keessatti dhaabbilee invastimentii dameewwan garagaraa irraatti bobba’aan 830 ol jiraachuu ragaan waajjira kominikeeshinii magaalicharra argamee ni muul’dhisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment