Sabbataatti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 darbe

Finfinnee, Amajjii 21, 2013 (FBC)- Magaalaa Sabbataa iddoo Diimaa jedhamuttii balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 darbera.
Balichi guyyaa har’aa sa’aatii 8titti konkolataan deddeebisaa uummata Hayiruufii fi Siinoo Tiraakii walitti bu’uun kan qaqqabee.
Balaa qaqqabeen lubbuun namoota 11 yoo darbu, 7 irraa midhaan cimaan ga’uu hoogganaan waajjira Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa obbo Abdurrazaaq Ahimaad himaniru.
Yeroo ammaa kanaatti namoonni lubbuun hafan yaalamaa akka jiran ragaan waajjiraa Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Magaalaa Sabbataarra argame ni muul’dhasa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment