Sababii kittaannaa shamarraniitin Doolaarri biiliyoonni 1.4 waggaa waggaadhan baasii ta’aa jira

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) -Sababii kittaannaa shamarraniitin Doolaarri biiliyoonni 1.4 waggaa waggaadhan baasii ta’aa jira.

Barmaatileen miidhaa qaqqabsiisan rakkoo fayyaa fi xinsammuu uumurra darbanii, diinagdeedhafis gufuudha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka beeksisetti sababii kittaannaa shamarraniitin tajajaila fayyaatif Doolaarri biiliyoonni 1.4 waggaa waggaadhan baasii ta’aa jira.

Dhaabbatichi guyyaa farra kittaannaa shamarranii kabajamerratti akka beeksisetti, sababii kittaannatiin biyyoonni baasii isaanii waliigalaa waggaarraa %10 kaan ammoo amma %30 baasan jiru.

Sababii barmaatilee miidhaa qaqqabsiisaniin shamarran miiliyoonni 200 kittaannaaf saaxilamaniiru.

Hedduun isaanii ammoo shamarran umriin isaanii waggaa 15 gadiiti.

Comments (0)
Add Comment