Sababa weerara dhibee koroonaan dhaabbileen fayyaa tokko tokko tajaajila kennaa hin jiran- Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Sababa sodaa weerara vaayrasii koroonaan dhaabbileen fayyaa tokko tokko tajaajila yaalaa kennaa akka hin jirre Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sababa kanaan haadholiin manatti akka da’aan ta’eera, namoonni osoo yaala argatanii fayyuu danda’an yaala dhabuu isaaniin du’aa jiraachuu Ministeerichi beeksiseera.
 
Mootummaan dhaabbilee fayyaa yaala vaayrasii koroonaaf oolaan adda waan baaseef, dhaabbileen fayyaa tajaajila kanaaf hin filatamne hojii idilee isaanii haaluma kanaan duraan cimsanii itti fufuu akka qaban ministeerichi beeksiseera.
 
Sodaa weerara kanaan dhaabbileen fayyaa tajaajila yaalaa dhaabaan hedduun jiraachuun kan ibse ministeerichi, gochichi sirriii akka hin taanee fi dhaabbileen kunneen ariitiin gara hojitti galuu akka qaban hubachiiseera.
 
Guyyaa kanaan booda dhaabbileen tajaajila yaalaa guutuu hin kennine argamnaan tarkaanfiin seeraa kana irratti fudhatamu ta’uu Ministeerri Fayyaa FDRI akeekkachiiseera.
 
Hawaasnis odeeffaannoo dogongoraan gara dhaabbilee fayyaa deemaa akka hin jirre kan eere ministeerichi, kun sirrii akka hin taane yaadachiiseera.
 
Yeroo ammaa dhaabbileen yaala fayyaa tajaajila guutuu seeraan akka laataniif koreen sadarkaa federaalaa hanga aanaatti hundaa’ee hojjechaa jiraachuu himameera.
 
Keessattuu tajaajilli yaala haadholii, daa’immaanii, dhibee daddarboo fi dhibee bifa weeraraan uummamuu danda’anii, qulqullinaa dhuunfaa fi naannoo xiyyeeffaannoo addaan kan laatamu ta’uu himameera.
 
Dhaabbilee fayyaa hundaaf galteen Baatii 6f ga’u dhiyaachuufii Ministeerichi beeksiseera.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment