Sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreeniin gatiin boba’aa haalaan dabalaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Sababa waraana Raashiyaa fi Yuukreen gidduutti adeemsifamaa jiruun gatiin boba’aa haalaan dabalaa jiraachuu ibsame.

Yeroo ammaa gatiin boba’aa hin calalamne baarmeelli tokko Doolaara 139.13 yoo ta’u, walakkeessa bara 2008 A.L.A irraa eegalee galmaa’ee kan hin beekne ta’uu ibsameera.

Waraanichi diinagdee addunyaarrattis dhiibbaa geessisaa jiraachuu ibsameera.

Boba’aa dabalatee waraanichi oomishaalee Raashiyaatti oomishaman kanneen akka qamadii fi sibiilitarrattis daballii gatii olaanaa galmeessisuu eerameera.

Waraanichaan walqabatee gatiin warqee hanga Doolaaraa kuma 2 fi 86tti gadi bu’uu fi sharafni Doolaaraa haalaan olka’uu gabaafameera.

Ogeeyyiin diinagdee daballii gatii boba’aan walqabatee ofeeggannoon taasifamuu akka qabu gorsu.

Diinagdee idil addunyaa haalaan hubaa jiraachuu keessumaa Gabaa Aksiyoona Awurooppaa miidhuu odeeffannoowwan garaagaraa ni mul’isu.

Walakkeessa bara 2020 irraa eegalee yeroo jalqabaaf Yuuroo 1’f tilmaamni sharafaa  Doolaarri 1.10 kaa’amuu ibsameera.

Dhorkii Dhaabbanni Maallaqaa Idil Addunyaa dhuma torbaniirratti Raashiyaarra kaa’e diinagdee addunyaarratti dhiibbaa cimaa qaqqabsiisuu akka malu TRTn gabaasera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment