Sababa walitti bu’iinsaan barattoonni miiliyoonni 1.2 ol barnoota isaanii ala ta’an – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC) – Sababa weerara humnoota badiin barattoonni miiliyoonni 1.2 ol barnootaa isaanii ala ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Ragaa baatii tokko dura walitti qabameen manneen barnootaa kutaa 1ffaa hanga kutaa 12ffaatti jiran kumni 1fi 600 kan miidhaman yoo ta’uu, manneen barnootaa 300 guutumaan guutuutti barbadaa’uu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen ibsaniiru.
Waldiyaa Yuunvarsiitii fi Yuunvarsiitiwwan naannoo Tigraayitti argaman 4 hojii baruu fi barsiisuu dhaabuun isaanii kan yaadatamuudha.
Barsiisonni Yuunvarsiitiwwan kanneen keessatti barsiisaa turan Yuunvarsiitiwwan birootti akka ramadaman taasiifamuu himaniiru.
Waraana baname yeroo gabaabaa keessatti xumuruun yeroo itti aanu sirna barnootarratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Saamu’eel kaasaniiru.
Ministeerri Barnootaa Manneen Barnootaa barbadaa’aan iddoo duraatti deebisuuf kan hojjetu ta’uu eeraniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment