Sababa vaayrasii koroonaa haaraa Afrikaa Kibbatti muul’ateen Biriitaaniyaan imala dhorkite

Finfinnee, Muddee 15, 2013 (FBC) – Vaayrasii koroonaa haaraa Afrikaa Kibbatti muul’ateen walqabatee Biriitaaniyaan balallii gara biyyatittii taasiifamu dhorkuu beeksisiifte.
Vaayrasiin haaraan kun imaltoota Afrikaa Kibbaarraa deebi’an irratti Landanii fi Kaaba Lixa Ingilizitti muul’achuu mirkanaa’eera.
Lammiileen guyyoota 15 darban gara Afrikaa Kibbaa imalanii turan gara tursa addaa akka galan ajejjeerti.
Ministirri Ministeera Fayyaa biyyattii vaayrasiin koroonaa haaraan Afrikaa Kibbaatti muul’ate yaaddessaa ta’uu dubbataniiru.
Vaayrasiin koroonaa Afrikaa Kibbatti argame kun isa haaraa Biriitaaniyaatti muul’ate waliin kan walfakkaatu ta’uu ibsameera.
Qorattoonni Afrikaa Kibbaa vaayrasiin biyyattiitti argame kan saffisaan kan tatamsa’uu dubbataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment