Finfinnee, Bitootessa 7, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa rakkoo keessoo siistamaan ala halleellaan saayibarii muudate kan hin jirre ta’uu beeksiseera.
Tajaajjilli ATM guutummaatti hojii eegaluu ibsuun, Tajaajila Baankii Diijitaalaa hojii eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
Sababa rakkoo siistamaa mudateen tajaajjilli adda citee turuu hordofee ololli sobaa miidiyaalee hawaasummaan oliif gadi oofamaa jiraachuu ibseera.
Sababa Siistamaan tajaajjilli adda cituun ala halleellaan Saayibarii qaqqabe kan hin jirre ta’uu eereera.
Baankichi eegumsa saayibarii amansiisaa qabaachuu himeera.
Kanaan walqabatee maamiltoonni sodaan tokko akka hin jirre hubachuu akka qaban ibseera.
Yeroo gabaabaa keessatti rakkoo muudate furuuf hojjetamaa jiraachuu himeera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.