Finfinnee, Bitootessa 15, 2917(FMC) – Rakkoo nageenyaa bakkeewwan tokko tokkotti uumameen walqabatee barattoonni miliyoonni 7.2 gara barnootaatti osoo hindeebi’in hafuu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa himaniiru.
Ministirichaa fi Pirezidaantii Naannoo Amaaraa Araggaa kabbadaa dabalatee aanga’oonni mootummaa fi qooda-fudhattoonni adda addaa bakka argamanittti sochiin barnootaa naannichaa magaalaa Baahirdaaritti eegalameera.
Ministirichi wayita kana dubbii dubbataniin, rakkoo nageenyaa naannoolee biyyattii tokko tokkotti mudateen barattoonni miliyoonni 7 fi kumni 200 ol gara barnootaatti osoo hindeebi’iin hafuu himaniiru.
Walitti-bu’iinsi sammuu daa’imman fi dargaggootaa summeessuun carraa isaanii borii kan fashaleessu waan ta’eef furmaati hatattamaa itti kennamuu qabas jedhan.
Pirezidaantin Naannichaa Araggaa Kabbadaa gama isaaniin, naannichatti miidhaa cimaa barnoota irra gahe furuun gara haala duraan tureetti deebisuuf qooda fudhattoonni akka tumsan gaafataniiru.
Bara kana barattoota miliyoona 7 galmeessuun barsiisuuf yoo karoorfames, sababa rakkoo nageenyaan kan galmaa’an mil. 2.8 qofa ta’uus dubbataniiru.
Rakkoo kana furuuf galmee al-idilee naannichatti marsaa lamaan geggeeffameen barattoonni kumni 76 qofti galmaa’uus kaasan.
Waltajjiin maree jalqabame kun miidhaa barnoota irra ga’e irratti mar’achuun kallattiiwwan fuulduraa ni kaa’a jedhameera.
Dassaalanyi Biraarraatu gabaase.