Finfinnee, Hagayya 24, 2013 (FBC) – Sababa lola gareen shororkeessaa ABUT baneen manneen barnootaa kumni 7 walakkaa fi guutumatti barbadaa’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.
Yaa’iin waliigalaa damee barnootaa biyyaalessaa gaggeeffamaa jira jedhameera.
Garichi naannoo Tigraayitti barattoota miiliyoona 1.4 fi barsiisoota kuma 48 sirna barnootaa ala taasiisuu Ministirri Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaan ibsaniiru.
Barattootas gara waraanaatti galchaa jiraachuu himaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT lolicha naannoo Afaarii fi Amaaraatti babal’isuun manneen barnootaa barbadeessaa jiraachuu kaasaniiru.
Baatii darbe qofa naannoo Afaaritti manneen barnootaa barattoonni kumni 88 keessatti barataa turan 455 barbadeessuu Dooktar Injiinar Geetahun himaniiru.
Naannoo Amaaratti ammoo mannneen baranootaa 140 fi Koollejjii barsiisootaa 2 walakkaa fi guutummaatti barbadeessuu eeraniiru.
Yaa’ii gaggeeffamaa jiruratti Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa obbo Taaggasee Caafoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon, dhaabbileen deeggartootaa fi Dippiloomaatoonni argamaniiru.
Karoorri fi Raayyii damee barnootaa dhiyaachuun irratti mari’atamaa jira jedhame.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.