Sababa Koroonaa Vaayrasiin balalli gara Chaayinaatti taasifamu dhaabuun fudhatama hin qabu – Gamtaa Afrikaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Sababa Koroonaa Vaayrasiin daandiiwwan qilleensaa Afrikaa tokko tokko balalli gara Chaayinaatti taasifamu dhaabuun fudhatama akka hin qabne Gamtaa Afrikaatti giddugalli ittisaa fi to’annoo dhibee beeksise.

Daayreektarri giddugalichaa Joon Nikeengaasoong hanga ammaatti Afrikaa namni dhibichaan saaxilame akka hin jirru ibsaniiru.

Biyyoonni miseensoota Gamtaa Afrikaa dhibichi gara biyya isaanii akka hin gallee fi akka tasaa yoo gales haala kamiin to’achuun akka danda’amu hordoffii cimaan taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaatti daandiiwwan qilleensaa biyyoota Afrikaa tokko tokko balallii gara chaayinaatti taasisan dhaabuun fudhatama kan hin qabnee fi sirrii akka hin taanee Joon Nikeengaasoong himaniiru.

Dhimma balallii irratti Giddugallii Ittisaa fi To’annoo Gamtaa Afrikaa ejjonnoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Dhibicha ittisuuf hojii to’annoo fi hordoffii hundagaleessa ta’e gaggeessutu furmaata malee balallii dhaabuun furmaata akka hin taane himaniiru.

Kanaafis giddugalichi hojiilee gurguddoo 5 sadarka Afrikaatti raawwachaa jiraachuu ibsuun, qorannoo Laabraatoorii irratti leenjiin ijaarsa dandeettii Seeneegaaliitti kennameera jedhan.

Marsaa duraan ogeeyyii 15 kanneen biyyoota 15 irraa walitti babba’aniif leenjiin laatamu daayreektarichi himaniiru.

Marsaa 2ffaan ammoo ogeeyyii biyyoota miseensa gamtichaa 20f leenjii yeroo gabaabaa kennamu ibsaniiru.

Yeroo dhiyoottis naannoo buufataalee xiyyaaratti leenjiin qorannoo qulqullinaa fi of eeggannoo kan laatamu ta’uus eeraniiru.
Vaayrasiin Koroonaa ariitiin waan tatamsa’uuf lammiileen hundi dhibicha ittisuuf quqlullina dhuunfaa isaanii haalan eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Maddi:-TOI

 

Comments (0)
Add Comment