Sababa huurriin balaliiwwan xiyyaaraa addaan citaanii turan irra jireessii hojii jalqabaniiru-Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa sababa haala qilleensaa huurriin, balaliiwwan xiyyaaraa addaan citanii turan, irra jireessii isaanii hojii eegaluu Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Guyyaa har’aa haalli qilleensaa Magaalaa Finfinnee hurriin haguugamuu isaatiin balaliiwwan xiyyaaraa hedduun harkifachuu Daandichi beeksiseera.

Haalli qilleensaa huurriin kuni yeroo ammaa fooyya’iinsa qabaachuu eeruun, balaliiwwan biyyaa keessaa alattii fi alarraa gara biyya keessatti taasifaman hedduun hojii eegaluu fuulaa miidiyaa hawaasummaa isaan daandichi beeksiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment