Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC) – Sababa Hongeen qabeenyi beeyladaa Birrii biliyoona shaniiti tilmaamu manca’uu Waajjirri Ittisa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Miisoomaa Godina Booranaa beeksiise.
Qabeenya Beeylada Godinichaa Miliyoona 6.8 Keessaa hongee ji’oota kudhan darbanitti mudateen beeyladonni Kumni dhibbi 3 fi Kumni 35 du’uu Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Guyyoo Carfii himaniiru.
Qabeenyi beeyladaa kun Birri Biliyoona 5tti akka shallagamus ibsaniiru.
Hongee mudateen beeyladootni kumni 300 ol deegrsa namaan kan socho’aan ta’us dubbataniiru.
Kana hordofee hawaasichi rakko diingdee fi hawaasummaa cimaaf saaxilamuun lakkoofsi namooota deeggarsa barbaadanii Kuma 700 gaheeras jedhan.
Rakkinicha furuuf qindominaan hojjatamaa jirachuu himaniiru.
Hawaasa rakkoof saaxilameef deeggarsi Mootummaa fi dhaabbilee miti mootummaa garaagaraan dhiyaachaa akka jiru dubbataniiru.
Hawaasa deegarsa miidhaanii barbaachisu kuma 700 fi kuma 7 ol keessaa kumni 500 fi kuma 40f deeggarsii dhiyaachaa jiraachu himaniiru.
Deegarsa margaa beelii miliyoona 5 barbaachisu keessaas kan dhiyaate beelii kuma 500 fi kuma 50 ykn %5 kan hin caale ta’u kaasuun deegarsi taasifamuu fi dhiyeesiin jiru kan wal hin ginne ta’uu eeraniiru.
Dhiyyeesii bishaaniin wal qabatees hanqini akka jiru dubbattaniiru.
Dhiyyeessi Bishaan ummataatiif bootteewwan barbaachisan 79 keessaa bishaan boteewwan 39 dhiyaachaa jira jedhan.
Rakkoon ijoon du’aatii beyladootaaf sababa ta’e hanqina margaa fi dhiyeessi bishaanii ta’uu eeruun qaamoleen deegarsa taasiisuu danda’an hundi sanyii loon Booranaa dhumaa jiran baraaruuf akka tumsan gaafataniiru.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.