Sababii hannaatin tajaajilli geejibaa gufataa jira- Baabura Salphaa Finfinnee

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Sababii hanna siignaal koominikeeshini keeblii fi funyoo elektiriikii halkan raawwatamuun tajaajila geejjibaa ga’aa kennuu akka hin dandeenye Tajaajilli Geejibaa Baabura Salphaa Finfinnee beeksise.

Tajaajila kennuurratti kan argaman baaburoota 35 irratti hanni halkan kan raawwatamu.

Sababa hanna siiginaal koominikeeshin keeblii fi funyoo elektirikiitin rakkoo cimaan mudachuu bakka bu’aan hoogganaa hojii fi daayreektarri suphaa fi gidugalaa obbo Taammanaa Shimallis Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.

Kanaan walqabachuun naannoo “CMC” fi sarara biroorratti bobbii geejjibaarratti rakkoon mudachuu eeraniiru.

Hanna raawwatamaa jiru ittisuuf qaama dhimmi ilaallatuuf gabaasuu isaani ibsaniiru.

Tajaajilli Geejjibaa Baaburaa Salphaa Finfinnee walakkaa waggaatti tajaajila kennaa kan jiran baaburoota 35 galii Birrii miiliyoona 72 fi kuma dhibba 7 fi kuma 30 fi 606 argachuu beeksiseera.

Haata’uutii yeroo ammaa kana hanqina jijjiirraa meeshaan baaburoonni ja’a tajaajila laachaa akka hin jirre kan ibsan yoo ta’u, baaburoota rakkoon isaan mudatee suphaan isaan barnbaachisu taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

 

 

Comments (0)
Add Comment