Sababa haala waqtaawaan miidhaa tajaajila humna elektirikaarra qaqqabe iddoo duraatti deebisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)  – Sababa haala waqtaawaan miidhaa bu’uuraalee misoomaa tajaajila humna elektirikaarra qaqqabe iddoo duraatti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Tajaajilli Humna Elektirikaa Ityoophiyaa ibse.

Sababa rakkoo nageenyaan hanqina kenniinsa tajaajila humna elektirikaa naannoo magaalotaatti muudate furuuf deeggarsaa fi hordoffii barbaachisu taasisaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.

Haaluma kanaan Raayyaa Qobboo, Roobiitii fi Allaamaaxaatti giddugalawwan tajaajila humna elektirikaa irratti daawwannaan gaggeeffameera.

Hoggantoonni Tajaajila Humna Elektirikaa Ityoophiyaa Riijiinii naannoo Amhaaraa fi Tigraay jalatti kana argaman giddugalawwan Raayyaa Qobboo, Roobiitii fi Allaamaaxaa daawwataniiru.

Yeroo itti aanuus miidhaa bu’uuraalee misooma humna Elektirikaa naannoo magaalotaatti qaqqabe furuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment