Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC)-Sababa guutinsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf uummattoota Sudaanii fi Gibtsirra miidhaa kan hin qaqqabsifnee ta’uu Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad beeksisaniiru.
Hidhichi biyyoota sadeeniif tumsa malee ijoo dubbii ta’uu akka hin qabnee Dooktar Abiy fuula Twiitaara isaaniirratti ibsaniiru.
Ijaarsi hidhichi keessaayu waqti gannaa balaa lolaa biyyoota ya’aa gadiirra qaqqabuu ittisuudhaafis shoora olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Maddaa tumsa taasifamee yoo fudhatamee hidhichi badhaadhinaa waloo naannichaa fiduuf akka tumsuu kan amanaan ta’u ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.