Sababa garagaraan harkifatee kan ture adeemsi ijaarasa hidha Magac haala gaarirra jira

Finfinnee, Muddee 15, 2012 (FBC) – Sababa garagaraan harkifatee kan ture adeemsi ijaarasa hidha Magac haala gaarirra jira jedhame.

Birrii biiliyoona 5.6 ijaaramaa kan jiru ijaarsi hidha Magac harkifachuuf sababa kan ta’an furamuun adeemsi ijaarsa isaa haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Ijaarsi isaa bara 2005 kan eegale sababa garagaraan otuu hin xumuramiin turee jira.

Gorsaan Itti waamaman ijaarsa korporeeshinii konistiraakishinii, Dizaaynii fi Suuparviishinii Ityoophiyaa Yirgaa Ababaayee dhaabbanni ijaarsa kana gaggeessu humna guutattee gara hojiitti galuu dhabuun ijaarsichi akka harkifatu ta’eera jedhan.

Xiyyeeffannaa bulchiinsi naannichaa fi mootummaa federaala itti kenneen rakkinoota mudatan furuun ijaarsichi yeroo amma kana haala gaariin gaggeeffamaa jiraachu himaniiru jechuun Nabiyyuu Yohaanistu gabaase.

 

Comments (0)
Add Comment