Saayintistoonni guddina ‘naannoo teeknooloojiif’ gumaachan badhaasa Noobeelii damee Keemistirii injifatan

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Saayintistoonni 3 guddina naannoo teeknooloojiif gumaachan badhaasa Noobeelii damee Keemistirii bara 2023 injifataniiru.

Qorattoonni damee Keemisririi Moongii Baanweendii, Luuwiis Biruusii fi Aleksii Ekiimoovii jedhaman Badhaasa Noobeelii damee Keemistirii bara 2023 in jifataniiru.

Argannoon isaanii damee yaala fayyaa Kaansarii xannacha sammuu adda baasuuf hojiirra ooluu ‘The Telegraph’ gabaaseera.

Paartikiloonni qorattoonni kunneen argatan “naanoteknooloojiin” sadarkaa amma irra jiru akka ga’uuf gahee guddaa gumaachuu isaa qorattoonni kunneen badhaasa Noobeelii damee Keemistiriif akka kaadhimaman qooda olaanaa ba’uu koreen badhaasichaa ibsa kenneen himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment