Saayintistii beekkamaan Eeggumsa naannoo Dooktar Tawaldee Birihaan boqotan

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC) – Saayintistii beekkamaan dhimma Eeggumsa naannoo Dooktar Tawaldee Birihaan Gabra Igzi’aabheer Addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Saayintistichi dhimmoota Eeggumsa naannorratti hojiilee jajjaboo hojjechuu isaanii ibsameera.

Qorannoo sanyiilee midhaanirratti qorannoo gaggeesseen sadarkaa idil addunyaatti beekkamtii fi badhaasa argatanii turan.

Bara Faranjootaa 2006 Badhaasoota ‘Nooveelii Filmaataa fi Goota Dachee keenyaa’ jedhaman argataniiru jedhame.

Dooktar Tawaldeen abbaa ijoollee dubartoota 3 turan.

Daa’immaan 60 ol guddisuu isaanii michuu dhiyoo isaanii kan ta’an Barreessaa Zannabaa Waalaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Yohaannis Darribawtu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment