Saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa hir’isuuf “Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaan” hojiilee hedduun hojjetamaniiru-Obbo Dammaqaa

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi sagantaa galmoota misooma waaraa milkeessuuf “Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaan” hojiilee hedduun hojjetamuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan, Ergamtuu Addaa Hojiirraa Oolmaa Jijjiiramaa Qabeenya Qilleensaa Idil Addunyaa Jarman Janiifar Lii Moorgaan waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lameen dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa fi hamma gadi lakkifama kaarbanii dhaabuuf, galmoota qabamanii fi humna haareffamaan akkasumas Ityoophiyaatti iniisheetiivii Ashaaraa Magariisaa itti fufsiisuuf walta’iinsaan hojjechuuf haalota dandeessisan irratti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Dammaqaan jijjiiramni qabeenya qilleensaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa qabaatu ittisuuf tarkaanfilee hedduu fudhachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, Ityoophiyaan Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaan, humna haareffamaa maddisiisuuf pirojektoota dandeessisan irratti hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Janiifar Lii Moorgaan gama isaaniin, Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu fi “Inisheetiivii Ashaaraa Magariisaan” pirojektiiwwan eegalte akka milkaa’uuf deeggarsa taasisuuf Jarmaan qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment