Saaxilamummaa damee Koonistiraakshinii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamni ragga’e

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Saaxilamummaa damee Koonistiraakshinii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamni lakoofsi 5 ragga’uu Haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee ibsan.
 
Koreen Ministirootaa walga’ii Caamsaa 4, 2012 gaggeesseen Saaxilamummaa damee ijaarsaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuu, qophummaa mirkaneessuu fi haalawwan murteessuuf qajeelfama lakkoofsa 5 raggaasiseera jedhan Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee.
 
Dameen Koonistiraakshinii guddina biyyaaf murteessaa fi lammiilee hedduuf carraa hojii kan uume ta’uun ni beekkama jedhan.
 
Weerarri vaayrasichaa damee ijaarsarraan miidhaa akka hin geessifne ittisuuf tarkaanfiiwwan barbaachisu fudhachuun barbaachisee ta’ee argamu ibsaniiru.
 
Fayyaa fi nageenya hawaasa damee Koonistiraakshinii keessatti qooda qabanii eeguuf qajeelfamni tarkaanfiiwwan barbaachisuu fudhachuuf gargaaru ragga’uu aadde Adaanachi eeraniiru.
 
Ibsii fi odeeffannoo guutuun dhimma kana ilaallatu Ministeera Misooma magaalaa fi Koonistiraakshiniin kan dhiyaatu ta’uu himuu isaanii ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarra argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment