Saa’udiitti Imbaasiin Ityoophiyaa lammiilee Ityoophiyaa ugguraman baraaruu beeksise

Finfinnee, Eebila 17, 2012 (FBC) – Saa’udiitti Imbaasiin Ityoophiyaa lammiilee Ityoophiyaa magaalaa Dawaadimiitti ugguramanii turan 5 baraaruu beeksise.

Bulchiinsa Riyaad magaalaa Dawaadimiitti lammiilee Ityoophiyaa mana tokko keessatti ugguramanii turan 5 baraaruu Imbaasichi Fuula Feesbuukii isaan ifoomsera.

Namoota ugguraman keessa tokko dhiira yoo ta’u, 4 ammoo dubartoota jedhame.

Uggurtoonni kunneen maatii namoota kanneenitti bilbiluun tokkoon tokkoon isaaniif Riiyaal Saa’udii kuma 10 akka kaffalan gaafachaa turuu isaanii ibsameera.

Kaffaltiin kun raawwatu malee namoonni kunneen lubbuun kan hin baane ta’uu maatii sodaachisaa turan jedhameera.

Maatiin lammiilee kanneenii maallaqa gaafataman kaffaluu waan dadhabaniif namoonni kunneen yeroo dheeraaf ugguramanii turuu isaanii ibsameera.

Saa’udiitti Imbaasiin Ityoophiyaa odeeffaannoo maatii ugguramtootarraa argateen qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun ugguramtoota kanneen baraaruu isaa beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment