Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC)- Saa’udiin Arabiyaan amantoonni musiliimaa gara bakka kadhataa Masjidaa Makkaa (AL-Masjiid Al- Haraam) imalaan namoota talaallii vaayrasii koroonaa fudhataan qofaa ta’uu beeksifte.
Murtoon Ministeera Hajii fi Umraa kun baatii soomaa ramadanaarraa eegalee hojiirra akka ooluu ibseera.
Murtichi imaltoota Hajii fi Umraa dabalatee kadhataaf (salaataaf) kan imalaniis ni ilaallataa jedhameera.
Ministireechi kan talaallii vaaayrasii koroonaa marsaa 2ffaa fudhataan kallattiin akkaa seenaan ibsaniiru.
Talaallii marsaa jalqabaa ammoo guyyoota 14 duraa kan fudhatan ta’uu qaba jedhameera.
Bara Faranjoota 2019 amantoonni miiliyoonni 2.5 kadhataa Hajii fi Umraarratti kan hirmaatan yoo ta’u, bara darbee ammoo musiliimoonni Saa’ud Arabiyaa jiraataan kumni 10 hirmaachun isaanii ni yaadatama.
Saa’ud Arabiyaatti hanga yoonaa namoonni kumni dhibbi 3 kumni 93 vaayrasii koroonaatiin yoo qabaman, kumni 6 fi 700 ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.
Uummattoota miiliyoona 34 kan qabdu Saa’ud Arabiyaa lammiilee ishee miiliyoona 5 ol ta’aaniif talaallii vaayrasii koroonaa laachuu ibsiteetti.
Maddi:-Aljaziira
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.