Finfinnee, Bitootessa 8, 2015(FBC)- Saa’ud Arabiyaan tumsa diinagdeefi invastimantii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Saa’ud Arabiyaa Ambaasaaddar Fuuhiid Oobeedullaahii Aal Hamiidaaniin ibsan.
Hariiroon daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii haala gaariirratti kan argamu ta’uus ibasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa Saa’ud Arabiyaa Ityoophiyaatti dameewwan qonnaa, misooma qabeenya beelladaafi dameewwan biroorratti qaban tumsa diinagdee biyyoonni lameen waliin qaban kan mul’isu ta’uu eeraniiru.
Kunis ta’ee tumsi biyyoota lameenii hagas mara kan hin guddanne ta’uu ibsuun, fooyya’uu akka qabu addeessaniiru.
Saa’ud Arabiyaan damicharratti tumsa Ityoophiyaa waliin qabdu daran cimsuuf fedhii qabaachuufi kan hojjettu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Yeroo ammaa hariiroo daldalaafi invastimantii biyyoota lameenii guddisuuf sadakaa hoggantoota mootummaa olaanoon mariin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.