Saa’ud Arabiyaan imalli kadhannaa Umiraa Fulbaana 24 eegalee kan jalqabamu ta’uu murteessite

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Saa’ud Arabiyaan hordoftoonni biyyattii imala kadhannaa Umiraa Fulbaana 24 irraa eegalee gaggeessuu akka danda’an eeyyamte. 
Biyyattiin sababa weerara vaayrasii koroonaan baatii 7f dhorkama kaa’uun ishee kan yaadatamuudha.
Guyyaa sana lammiileen kumni 6 sirna kadhannaa taasisuu akka danda’an murteen darbuu dhaga’ameera.
Lakkoofsi kun Baatii Onkololeessaa keessa ammoo %75 kan dabaluu ta’uu ibsameera.
Onkololeessa 22 eegalee imaltoota Hajii fi Umiraa biyyoota murtaa’anii keessummeessuu kan eegaltu akka ta’es ibsameera.
Ministeerri Dhimmoota Hajii fi Umiraa hordoftootaa kanneen bilbilaan galmeessuuf hojmaata galmee ifoomseera.
Saa’udiin imala Hajii fi Umiraa irraa waggaan Doolaara Biiliyoona 12 kan argattu ta’uu ragaaleen ni muul’isu.
Saa’ud Arabiyaatti namoota kuma dhibba 3 fi kuma 30 vaayrasii koroonaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma 4 fi 500 kan darbe yoo ta’u, namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 12 ammoo dandamataniiru.
Biyyattiin torbee darbe dhorkama balallii idila addunyaa baatii 6f kaa’amee ture walakkeessaan kaasuun ishee kan yaadatamuudha.
Maddi:- al jazeera
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment