Saatalaayitiiwwan lama Orbitii lafaa gara gadii irra jiran walitti bu’uu danda’u jedhame

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Saatalaayitiiwwan Riphoon yeroo ammaa  Orbitii lafaa gara gadii irra jiran lama Roobii dhufu walitti bu’uu danda’u jedhame.

Saatalaayitiiwwan kunneen walitti buunaan ciccita xixiqqoo hedduutti caccabuun hawaa keessatti faca’uu danda’u jedhameera.

Ciccitaawwan kunneen ammoo saatalaayitiiwwan hawaa keessa jiraniif balaa cimaa ta’uu akka danda’an ibsameera.

Wiixata darbe meetira 13-18 walitti dhiyaachuu isaanii ogeeyyiin hawaaa himaniiru.

Walitti bu’iinsa isaanii uummame taanaan Indastirii hawaaf balaa hammataa ta’uu danda’a jedhameera.

Bara Faranjootaa 2009 saatalaayitiin odeeffannoo riphaa  Raashiyaa tokko saatalaayitii socho’aa biroo waliin walitti bu’uun iddoo kuma 2 olitti caccabuun isaanii kan yaadatamuudha.

Caccabaawwan Saatalaayitiiwwan kanneenii saatalaayitiiwwan biroo walitti buusuuf sababa ta’uu danda’u jedhameera.

Maddi: CNN

 

Comments (0)
Add Comment