Saamichii fi miidhaan ABUT dhaabbileerratti raawwate karoora biyya dadhabsiisuuti – Obbo Dammaqaa Makoonniin

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (FBC) – Saamichii fi miidhaan gareen shororkeessaa ABUT dhaabbileerratti raawwate, badii salphaa osoon taane karoora biyya diiguu ta’uu Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Obbo Dammaqaa Makonniin Magaalaa Dassee fi Kombolchaatti miidhaa Hoteeloota, Giddu gala qonnaa, Yuunvarsiitii Walloo, Hospitaala Kombolchaa fi Warshaaleerra gareen shororkeessaa qaqqabsiise daawwataniiru.
Haleellaan dhaabbilee kanneenirratti raawwate badii salphaa osoo hin taane karoora diinagdeen biyya dadhabsiisuu fi diiguu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbilee kanneen deebisanii ijaaruuf hamma miidhaa qaqqabee adda baasuuf mootummaan naannichaa fi federaalaa tumsaan hojjechaa jiraachuuf ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment