Saalaaddiin Sa’iid tapha dhaabe

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Kilaboota Kubbaa Miilaa garaagaraa fi Garee Biyyaalessa Ityoophiyaa waggoota hedduuf tajaajilaa kan ture Saalaaddiin Sa’iid taphaa dhaabuun ibsame.

Saalaaddiin waggoota 15’f garee biyyaalessaa Ityoophiyaa fi kilaboota gargaraa keessattii taphataa kan turee fi waggaa 37ffaa isaatti tapha dhaabuu Sookar Ityoophiyaan gabaaseera.

Taphatichi baraa dorgommii pirimmeerliigii ityoophiyaa 2014/15’tti Garee Kubbaa Miilaa Buna Sidaamaaf taphachaa turuun kan yaadatamuudha.

Saalaaddiin Sa’iid Gareen Biyyaalessaa Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa waggoota 31 booda Waancaa Afrikaaf wayita hirmaattetti gahee murteessaa bahachuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment