Saafaariikoom yaalii tajaajila neetwoorkii maamiltootaa Adaamaa fi Baahirdaaritti eegale

Finfinnee, Fulbaana 2, 2015 (FBC) –Saafaariikoom Ityoophiyaan yaalii tajaajilaa neetwoorkii walitti fufaa magaaloota Adaamaa fi Baahirdaaritti eegaluu beeksise.

Magaalota Adaamaa fi Baahirdaaritti lakkoofsa sararaa bilbilaa maamiltoota Saafariikoom 07’n eegaluu filachuun siimkaardii bitachuu akka danda’an ibsameera.

Maamiltoonni baatii 1’f yaalii akka taasisaan kan gargaaru maamiltummaa eegalchiisuuf tajaajila kuufama daataa, sagalee fi barreeffamaa akka qabate eerameera.

Dabalataanis galmee siimkaardii maamiltootaa, sa’aatii qilleensaa, bittaa bilbilootaa akkasumas deeggarsa maamiltootaaf dukkaanotaa fi suuqiiwwanii mallattoo addaa Saafaariikoom Ityoophiyaa qabanii argachuu akka danda’an ibsameera.

Magaalonni yaaliin tajaajila neetiwoorkii eegaletti maamiltoonni daataa fayyadamuu, waamichaa fi ergaawwan barreeffamaa maamiltoota Saafaariikoom Ityoophiyaa fi Ityoo Teelekoom waliin waljijjiiruun akkasumas waamicha idil addunyaa gargaaramuu akka danda’an ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment