Saafaariikoom Finfinneetti tajaajila neetiwoorkii maamiltootaa jalqabsiise

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015 (FBC) – Saafaariikoom Magaalaa Finfinneetti tajaajila neetiwoorkii maamiltootaa jalqabsiiseera.

Sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa hoggantoonni hojii dhaabbatichaa fi keessummoonni biroon bakka argamanitti jalqabsiiseera.

Hoji Raawwachiisaan Saafaariikoom Ityoophiyaa Anuwaar Saa’uuluu, dhaabbatichi hojii akka jalqabuuf tumsaa mootummaan Ityoophiyaa fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroo taasisaniif galateeffataniiru.

Saafaariikoom Ityoophiyaan, Ityoophiyaatti diinagdee dijitaalaarratti gahee isaa bahachuu fi waliin gahiinsa isaa babal’isuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetu dubbataniiru.

Saafaariikoom Dirree Dawaa, Mojoo, Harar, Adaamaa , Bishooftuu, Baahirdaar, Awwadaay, Goondar fi Dabira Birhaanitti yaalii tajaajila neetiwoorkii jalqabuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment