Saadiyoo Maaneen taphataa cimaa Afrikaa bara 2022 ta’uun filatame

Finfinnee, Adoolessa 15, 2014 (FBC) – Taphataan sarara fuuldura garee biyyaalessaa Seeneegaalii fi Liivar Puul duraanii, Baayer Muuniik yeroo ammaa Saadiyoo Maaneen taphataa cimaa Afrikaa bara kanaa ta’uun filatameera.
Maaneen yeroo 2ffaaf taphataa cimaa Afrikaa ta’uu danda’eera.
Saadiyoo Maaneen ga’umsa dinqisiisaa Liivarpuul keessatti agarsiisurra darbee, biyyi isaa Seeneegaal shaampiyoonaa waancaa Afrikaa akka taatu qooda olaanaa ba’uu isaan taphataa cimaa bara 2022 CAF ta’uun filatameera.
Filannoo eda Moorookoo magaalaa Raabaatiitti gaggeeffameen leenjisaan garee biyyaalessaa Seeneegaal Aliyoo Siiseen leenjisaa cimaa waggaa bara kanaa ta’uun badhaafameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment