Sa’aatiin fiigicha Maaraatoonii Atileet Tigist Asaffaan itti xumurte Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa’e

Finfinnee, Fulbaana 23, 2017 (FBC) –Sa’aatiin fiigicha Maaraatoonii Atileet Tigist Asaffaan itti xumurte sa’aatii saffisaa jedhamuun Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti rikardiin galmaa’eera.

Atileet Tigist Asaffaan dorgommii Maaraatoonii Jarman Barliinitti bara Faranjootaa Fulbaana 24, 2023 gaggeeffame sa’aatii 2:11.53 xumurte Maaraatoonii dubartootaan sa’aatii saffisaa jalqabaa sadarkaa addunyaa jedhamuun galmee Addunyaarratti rikardiin galmaa’eera.

Atileet Tigist waraqaa ragaa ishee fudhachuu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment