Gabaasa sa’aa 24 darbetiin vaayrasichaan lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee,Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin namoonni 116 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.
 
Gabaasa sa’aa 24 kanaan qorannaan laabraatoorii samuudaa namoota 4809 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 116 irratti vaayrasichi argameera.
 
Lubbuun namoota 7 darbeera.
 
namoota 116 keessaa 76 dhiirota, 40 ammoo dubartoota ta’uu ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gabaasichaan ifoomsaniiru.
 
Umriin isaaniis waggaa 3 hanga 78 ta’uu beeksisaniiru.
 
Hundinuu lammiilee Ityoophiyaati.
 
101 Finfinneerraa, 1 naannoo Amaaraarraa, 1 naannoo Tigraayirraa, 1 naannoo Afaarirraa,1 magaalaa Dirree Dawaarraa, 4 naannoo Kibbaaleerraa, 6 naannoo Oromiyaarraa, 1 naannoo Gaambeellaarraa, ta’uun beekameera.
 
Gabaasa sa’aa 24 darbee kanaan namoonni 4 Finfinneerraa, namni 1 Somaaleerraa, namni 1 Dirraa Dawwaarraa, namni 1 naannoo Harariirraa lubbuun darbaniiru.
 
Haaraa kan dandamatanis 93 ta’uun ibsameera.
 
Waliigalaan amma ammaatti qorannaan samuudaa 207,023 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoonni 1,027 dandamatanii, 72 lubbuu isaanii dhabaniiru.
 
Amma vaayrasichi kan irratti argamu namoota 2,969 irratti yoo tau, waliigalaan qorannaadhan kan irratti argame 4070.
 
Wallaansa cimaa hordofaa kan jiran namoota 32.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment