Finfinnee, Sadaasa 11, 2017 (FBC) – Ruuzii biyya alaarraa galu kan biyya keessan bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsan.
Naannoo Oromiyaatti Ruuzii lafa hektaara miiliyoona 1.5 irratti misoome sassaabamaa jira.
Godina Jimmaatti Sassaabbiin misooma Ruuzii bakka Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuufi hoggantoonni Olaanoo naannoo biroon argamanitti gaggeeffameera.
Naannichatti Ruuzii lafa hektaara miiliyoona 1.5 irratti misoomeerra callaan kuntaalli miiliyoonni 63 ol kan eegamu ta’uun ibsameera.
Godina Jimmaatti ruuziin Lafa hektaara kuma 300 ol irratti misoome sassaabamaa jiraachuu himuun, kanaa irrayyis callaan kuntaalli miiliyoonni 20 ni eegama jedhame.
Tasfaahuun kabbadaa fi warqaafarraw Yaalewutu gabaase