Raashiyaa, Iiraanii fi Chaayinaan shaakallii humna galaanaa taasisuufi

Finfinnee, Muddee 16, 2012 (FBC) – Raashiyaa, Iiraanii fi Chaayinaan nageenya daldala addunyaa eeguuf shaakallii humna galaanaa taasisuufi.

Biyyootni kunneen Jimaata irraa eegalee guyyoota 4f kan turu leenjii humna galaanaa kan taasisan ta’uu dubbi himaan Iiraan beeksiseera.

Leenjii kun sadarkaa idil addunyaatti naannoo sarara daldala murteessoo ta’an kanneen akka kaaba garba Hindii fi galaana Oomaan irratti kan adeemsisan ta’uun ibsameera.

Leenjin kun naannichatti rakkoo nageenyaa mudatu furuuf kan gargaaru ta’uu dubbi himaan Iiraan Birgaadeer Jeneraal Aboolfaziyoo Shikashii ibsaniiru.

Sababoota garagaraan garba Hindii fi galaana Oomaan irratti hokkora ka’aa ture itti fufiinsan dhaabuuf ni gargaara jedhameera.

Ministirri Dhimma Ala Raashiyaa Sargee Laavroov gama isaantitiin biyyi isaanii Chaayinaa fi Iiraan waliin shaakallii humna galaanaa kan taasistu ta’uu mirkaneessaniiru.

Kanaafis Raashiyaan qophii ga’aa taasisuu ishee minstirichii dubbataniiru.

Madda:- https://www.presstv.com/

Comments (0)
Add Comment