Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC) – Rooyters labsii yeroo ariifachiisaa Ityoophiyaatti raggaasifamee ilaalchisee odeeffannoon sobaa tamsaasaa jiru dhugaarraa kan fagaate ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.
Labsiin yeroo kun saba fi sabalmmoonni waraqaa lammiilee Ityoophiyaa ta’uusaanii ibsu qabatanii socho’u ni dhorkaa jechuun gabaasni Rooyters baasee sobaa jechuun ibsameera.
Labsiin yeroo arifachiisaa kun lammiileen waraqaa eenyummaa mana hojii, waraqaa eeyyammaa konkolaachisummaa fi Paasspoortii qabatanii akka argamaan kan ibsamee yoo ta’u, kan hundaarrattis haalli sabummaa ibsuun dirqamsiisuu akka hin jirrees ibsameera.
Keessaahuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu isaanii hordofee bulchiisonni magaalaa hedduun waraqaa eenyummaarratti dirqama sabummaa ibsuu akka hambisaan ta’uu Qulqulleessi Ragaa Haala Yeroo ibseera.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com
/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.