Roomaaniyaa, Beeljiyeemii fi Isloovaakiyaan tapha moo’atanii darbuuf gahan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2016 (FBC) – Waancaa biyyoota Awurooppaa 17ffaa galgala kana taphatameen Roomaaniyaa, Beeljiyeemii fi Isloovaakiyaan tapha moo’atanii darbuuf gahaniiru.

Tapha har’aan Roomaaniyaa fi Isloovaakiyaan galchii 1 qixa yoo xumuran Yuukreenii fi Beeljiyeem galchii malee qixa xumuraniiru.

Biyyooni sadanuu qabxii 4 qixa walitti qabachuun marsaa itti aanuuf yoo darban, Yuukreen falmichaan ala taateerti.

#Oromia #Ethiopia
#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment