Roobertoo Maanchiiniin leenjisaa garee biyyaalessa Saa’ud Arabiyaa ta’an

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC) – Leenjisaan duraanii Maanchister Siitii Roobertoo Maanchiiniin leenjisaa garee biyyaalessa Saa’ud Arabiyaa ta’aniiru.

Maanchiiniin leenjisummaa garee biyyaalessaa Xaaliyaanii irraa kan ka’an torban lamaan dura ture.

Maanchiiniin biyya isaanii Xaaliyaanii waliin waancaa Awurooppaa bara 2020 mo’ataniiru.

Gareen isaanii Xaaliyaaniin osoo hin mo’amiin taphoota 37 taphataniiru.

Garuu Waancaa Adunyaa bara 2022’f osoo hin darbiin hafan.

Maanchiiniin Saa’ud Arabiyaa waliin waliigaltee hanga bara 2027tti turu mallatteessaniiru.

Taphni isaanii jalqabaa Koostaariikaa waliin bara Faranjootaa Fulbaana 8, 2023, Dirree Niiwukaastil irratti taphatu.

Saa’ud Arabiyaan leenjisummaa Herve Ranardi jalatti Waancaa Adunyaa Dohaatti gaggeeffameen Arjentiinaa kan dhumarratti waancicha mo’atte injifatteetti.

Maanchiiniin Maanchisteer Siitii yeroo jalqabaaf waancaa Piriimaayeer Liigii akka injifatu kan gargaaran bara 2012 ture.

Fiyoorentiinaa, Laaziyoo, Inter Miilaan, Galatasaaree fi kilaba Raashiyaa St Piitersibargi leenjisuu isaanii BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment