Riyaad Mahireez Al-Ahliitti makame

Finfinnee, Adoolessa 21, 2015 (FBC) – Taphataan Maanchistar Siitii Riyaad Mahireez Paawundii miiliyoona 30’n jijjiirraan kilaba Saawdii Al-Ahliitti makamuu Maanchistar Siitiin mirkaneesse.

Lammiin Aljeeriyaa, Maanchistar Siitii taphataa kan ture Riyaad Mahireez jijjiirraan Al-Ahliitti makameera.

Mahireez bara Faranjootaa 2018’tti Leesteer Siitii irraa Paawundii miiliyoona 60’n gara Siitiitti makame.

Siitii wajjiin waancaawwan Piriimiyeer Liigii, Chaampiyoonsiliigiifi kan biroo hedduu injifateera.

Bara dorgoommii darbe Siitiin waancaa sadi itti milkeessetti Mahireez tapha 47 irratti hirmaachuun goolii 15 lakkoofsiseera.

Al Ahliin Maahireeziif waggaatti miindaa Paawundii miiliyoona 43 kan kaffalu ta’uu BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment